Mootummaan deeggarsa namoomaa naannoo Tigraayitti taasifamu cimsee kan itti fufu ta’uu ibsame

53

Finfinnee, Muddee 4/2013 (TOI) – Mootummaan deeggarsa namoomaa naannoo Tigraayitti taasifamu cimsee kan itti fufu ta’uu itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makkonniin ibsaniiru.

Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera dhimma alaa obbo Dammaqaa Makkonniin lammiilee Ityoophiyaa fi dhalootaan Ityoophiyaa Keeniyaa fi Maalaawwii jiraatan waliin guyyaa kaleessaa haala yeroorratti mari’ataniiru.

Yakkamtoota gochaa gara jabinaa lammiilee nagaarratti raawwatan seeratti dhiyeessuuf mootummaan xiyyeefannoon kan hojjetu ta’uu obbo Dammaqaan ibsaniiru.

Lammiilee fi dhalattoonni Ityoophiyaa biyya alaa jiraataan ejjennoo olaantummaa seeraa mirkaneessuu fi deeggarsa namoomaa mootummaan taasiisaa jiru hubachuun hojii deebisaanii dhaabuu gaggeeffamaa jiru keessatti qooda isaanii akka ba’an waamicha dhiyeessaniiru.

Obbo Dammaqaan lammiileen Ityoophiyaa fi dhalootan Ityoophiyaa Keeniyaa fi Maalaawwii keessa jiraataan ijaarsa hidha Haaromsaaf deeggarsa taasisan cimsanii akka itti fufan gaafataniiru.

Keeniyaatti aanga’aa guutuun Ityoophiyaa ambaasaaddar Mallas Alem duula olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraayitti mootummaan gaggeessa ture hordofee deeggarsa lammiileen Ityoophiyaa fi dhalootan Ityoophiyaa Keeniyaa fi Maalaawwii jiraatan taasiisan galateeffataniiru.

Hojii yakkamtoota seeratti dhiyeessuu, lammiilee qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’an deebisaanii dhaabuu fi bu’uuraalee misoomaa diigame ijaaruuf hojjetamu hawaasni diyaaspooraa deeggarsa hunda galeessa irraa eeggamu akka taasiisan gaafatanii jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015