Afrikaatti tataamsa'ina Vaayirasii Koroonaa ittisuuf yoo xiqqaate talaallii vaayirasichaa biliyoonaa 750 barbaachisa jedhame

66

Finfinnee, Mudde, 2/2013(TOI)-Afrikaatti tataamsa'ina Vaayirasii Koroonaa ittisuuf yoo xiqqaate talaallii vaayirasichaa biliyoonaa 750 barbaachisa jedhame.

Talaalliwwaan vaayirasii koronaaf qopha'aan hedduun isaanii vaayirasicha ittisuuf abdiin waan irra ka'ameef biyyoonni dureeyyiin talaallicha hojirra olchuu jalqabanii jiru.

Afrikaan garuu haalaa ammaa jirun yeroo gababaatti talaalli vaayirasii koroonaa kana carraan argachuuf isheen qabdu dhiphaa akka ta'ee ragaaleen agarsisaa jiru.

Jiddugallii ittisaa fi to'annaa dhuba Afrikaa har'a ibsa baaseen Uummata Afrikaa biliyoona 1.2 keessaa harkaa 60'f talaalli kana keennuuf yoo xiqqatee talaallicha biliyoona 750 barbaachisa.

Ittigafatamaan jiddugala ittisaa fi to'annoo dhukkuba Afrikaa Joon Nikaangaasoongii akka jedhanitti nama tokko tokkoof talaalli vaayirasichaa gosa lamatu barbaachisa.

Kunis innii tokkoo ittisa dhukkubichaaf kan fudhatamuu yoo ta'uu inni kaan immoo qaamni nama humna dhukkubicha ofirraa ittisuu akka gabbifatuuf talaalli kennaamudha jedhaniru

Kana yoo dabalatee immoo hangi talaallii vaayirasichaa barbaachisuu biliyoona tokkoo ol akka ta'u himaniru.

Gama biroon immoo talaalli kan keessaa dhibba keessaa harki 5-7 kan ta'umoo adeemsa keessa akka baduu yaada keessa galfamuu qabas jedhaniru.

Akka ittigafataman Jiddugaleesichaa jedhanitti Afrikaan Talaalli vaayirasii Koroonaa kana bituuf madda dinagdee adda addaa fayyadamti.

Biyyoota Afrikaa Talaalli kana bitachuu hin dandeenyeef gargaarsaa baankii addunyaa doolara 12'keessaa ni deeggaramus jedhaniru.

Dhaabbileen ala ergii fi galchii Afrikaa akkasumas kanneen biroon deeggarsa isaanirraa barbaachisu ni taasisu jedhamees ni eegama jedhamera.

Afrikaatti haga ammaatti vaayirasii koroonaan namoonni miliyoona 2.3 qabamaniru.

Kana keessaa lakkoofsaan kan kuma 54 fi 916 ta'an du'u isaanii jiddugallii ittisaa fi to'annoo dhukkuba Afrikaa ibseera.

Maddi:- Anaadoolii

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015