Maalummaa fi gahee hawaasa biratti Sirni Aadaa Sinqee qabu irratti kan xiyyeeffatu kitaabni barreeffame eebbifame

97

Finfinnee Sadaasa 30/ 2013(TOI) - Maalummaa fi gahee hawaasa biratti Sirni Aadaa Sinqee qabu irratti kan xiyyeeffatu kitaabni barreeffame eebbifame.

Kitaabaa kanaas kan eebbisan Ministira Aadaa fi Tuurizimii Dr. Hiruut Kaasaaw fi Hogganaan Birroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa Obbo Kabbadaa Deesisaati.Sirna eebba kitaabaa kana irratti sirni Gadaa sirna dimookraasii tahuusaa uummata Oromoo birratti iddoo guddaa kan kennamuuf yoo tahu sirni aadaa Sinqees, gahee dubartoonni qaban agarsisuun dhalootaa dhalootaatti darbaa kan dhufee calaqqee aadaa tahuusaa ibsameera.

Ministirri Aadaa fi Tuurizimii Dr. Hiruut Kaasaaw, Sinqeen fakkeenyummaa bilisummaa, mirgaa fi nageenyaati jedhani, waltajjicharratti kennaa kabaja Sinqee hadhooli Sinqeetiin isaanif gumaachame argachuusaanitti gammachuu guddaatu natti dhagahamaa jedhaniru.

Manni hojii Ministeerichaattis aadaa fi afaan sabaa fi sablamootaa sirritti qorachuun eeguu fi dhalootaaf dabarsuuf hojjatamaa jiras jedhan Dr. Hiruut.

Hogganaan Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa Obbo Kabbadaa Deesisaa gamasaaniin, Itoophiyaan kuufamaa Aadaa hedduu qabaachuun beekamti jedhani; kanneen keessaa Sirni Gadaa kan eeramuu yoo tahuu keessattis dubbartoota kan hirmaachisuu Sirni Sinqee isa tokko jedhaniru.

Miidhaan kamiinu dubartoota irra akka hin geenyee fakkeenya nageenyaa kan taate Sirna Sinqeetiin warreen dhiroota kan itti eegan fi haaqa kan itti argatan tahuu kan himan Obbo Kabbadaan, fuuldurrattis Ministeericha waliin tahuun hojiilee biroos cimsani kan hojjatan tahuus waadaa galaniru.

UNESCO bakka bu’uun sirna eebbaa kana irratti kan argaman Obbo Geetuu Asaffaa,gahee Sinqeen nageenyaaf qabuu, walqixxuummaa korniyaa fi hambaa kiliyaaf xiyyeeffannaan kennamaa dhufuusaa agarsiisaa jedhaniru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015