Ministirri Nageenyaa Aadde Muufeeriyaat Kaamil Ministira Itti Aantuu Itilii Imaanuwel Deelree waliin bilbilaan mari'atan

74

Finfinnee Sadaasa 30/2013(TOI) -Ministirri Nageenyaa Aadde Muufeeriyaat Kaamil Ministira Itti Aantuu Itilii Imaanuwel Deelree waliin bilbilaan mari'atan.

Aadde Muufeeriyaat Kaaba Itiyoophiyaatti hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu xummuramuusaa fi deeggarsa namoomaarratti hojii hojjetamaa jirurratti ibsa kennaniifii jiru.Hjiin olaantummaa seeraa kabachiisuu lammiilee siviilii fi misoomawwan bu'uuraa miidhaan cimaan akka hin geenyetti of eeggannoo cimaan raawwatamuu himaniiru.

Ministirri itti aantuu Itiliis hojii olaantummaa seeraa kabachiisu lammiileen nagaaf eegumsa taasifame jajaniiru.

Mootummaan Itilii karaa fannoo diimaa Itilii keessattuu deeggarsa meeshaalee yaala fayyaaf galtee ta'an akka dhiyeessu himaniiru.

Hariiroon biyyoota lamaanii baroota dheeraa lakkoofsise caalatti cimaa akka deemu dhugoomaniiru.

Adde Muufeeriyaat deeggarsa taasifamuuf galateeffataniiru.Ministeera Nageenyaa madda oduu keenyaati.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015