Jilli aadaa sabaa fi sablammootaa piroojektoaot gurguddoo Shaggar miidhagsuu daawwataa jiru.

60

Finfinnee, Sadaasa 28/2013(TOI)- Jilli aadaa sabaa fi sablammootaa piroojektoaot gurguddoo Shaggar miidhagsuu daawwataa jiru.

Daawwannichi guyyaa saboota, sablammootaa fi ummattoota Itoophiyaa 15ffaa sababeeffachuun kan qophaa'e .

kantiibaan itti aantuu bulchiinsa magaalaa Finfinnee addee Adaanach Abeebee piroojaktoota gurguddoo 8 Shaggar miidhagsuuf hojjetamaa jiran fi hojjetaman iratti ibsa kennaniiru.

Piroojektoonni kunneen magaalaa Finfinnee magaalaa hawwattuu gochuun sochii hawaas- diingdee ishii cimsuun giddugala turiizmii gochuuf kan gargaaran akka ta'an ibsan.

Guyyaan saboota, sablammootaa fi ummattoota Itiyoophiyaa bara kanaa wayita humni badii maqaa sabaa fi sablammootaatiin daldalaa ture yeroo dhumaatiif itti dhabsifamaa jiruutti kabajamu ta'uun isaa kan adda isa godhu ta'u ibsaniiru.

Daawwannaa kanarratti jilli aadaa sabaa fi sablammoota naannoo hundarraa dhufan,Abbootii Gadaa ,Abbootii Amantaa fi jaarsooliin biyyaa hirmaataniiru jechuun OBN gabaasera

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015