Leenjiin BLTO oromiyaaf kennamaa jira

191

Finfinnee Sadaasa 27/213(TOI) -Biiroon BLTO Oromiyaa ‘’Warraqsa Misooma Intarpirenarashiippii Uumuun Badhaadhinaa ni mirkaneessina’’ mata duree jedhun,Leenjii Leenjistoota Dhaabbilee BLTO Intarpirenarashiippii Oromiyaarraa walitti dhufaniif, Magaalaa Adaamaatti kennaa jira.

Kaayyoon leenjichaas Aadaa hojii foyyeessuun,Misooma diinagdee Uumuun Badhaadhinaa maatii mirkaneessuuf yaadameeti jedhameera.

Naannichatti wagga waggaan dargaggoota hojii dhabeeyyiif maallaqani guddaan ramadamee hojiitti galamus interpirenarshiippiin waan hin deeggaramneef akkaataa barbaadameen lammiileen bizinasii keessa galuun bu'a qabeessa ta'uu hin dandeenye jedhameera.

Leenjiin qophaa'e kun rakkoo gama kanaan ture ni furaa eegama. Qorannoo muuxannoo Biyyoota diinagdee isaanii badhaadherratti xiyyeeffachuun dhiyaatee akka agarsiisutti, Misooma diinagdee itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf Intarpirenarashiippiirratti xiyyeeffannoon hojjechuun murteessaa tahuu eera.

Sagantaa Leenjii kanarratti pireezidaantii itti Aantuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Hoggantuu Kilaasara Misooma Magaalotaa Adde Caaltuu Saanii argamaniiru.

Leenjiin leenjistootaa Biiroo BLTO Oromiyaa fi qindeessuummaa Giddugala Misooma Intarpirenarashiippiin qophaa'e sadrakaa gadiitti,Dubartoota ,qaamaa miidhamtoota,qonaan bultoota,daldaltootafi IMXf akka kennamu himameera.Maddi OBN.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015