Guyyaan Saboota, Sablammootaa fi Uummattoota Itoophiyaa 15ffaan sadarkaa naannoo Oromiyaatti magaalaa Finfinneetti kabajamaa jira.

88

Finfinnee, Sdaasa, 24/2013(TOI)-Guyyaan Saboota, Sablammootaa fi Uummattoota Itoophiyaa 15ffaan sadarkaa naannoo Oromiyaatti magaalaa Finfinneetti kabajamaa jira.

Afaya'ii caffee oromiyaa aaddee Loomii badhoo sirna kanarratti argamuun haasa taasisaniru.

Bara kana yeroo ayyana kana kabajni adda kan taasisuu yeroo farri dimokiraasii itti burkutaayedha.Humni badii Angoo dhabee ture humnaan aangoo gonfachuuf kaayyoo diigumsa biyya qabatee socho'aa tures jedhan.

Ayyanni saboota sablamoota kun ergaa 15 darban kabajamaa ture eenyumman saboota biyya keenya akka ifatti bahee mul'atu taasisera kan jedhan aaddee Loomiin gara fuula duraattis caalaatti akkaa cimuuf dhimmoota waloo keenyaa irratti tokkummaan hojjechuu qabnas jedhan.

Sirna kabajaa ayyanaa saboota sablammoota Itoophiyaa bara kana sadarkaa Oromiaatti kabajamaa jiru kanarratti pireezidantiwwaan naannoolee argamaanis jiru. ISaan keessaa immoo Pirezidaantii naannoo Beenishangul Gumuun obbo Ashaadil Hasaan akka jedhanitti Oromiyaan bakka aadaaf duudhaan bal'aa saboota hammatee keessa jiraatu.Uummata kana keessatti argamuu koof nan gammada jedhan.

Juuntaan ABUT gocha badii waggaa heddu raawwataa tureen otoo hin dhabbatin raayyaa ittisa biyya irratti yakka raawwatera.Waggoota darbe maqaa sabootaan daldalamaa faayidaa juntaa qofaaf hojjetamaa ture.Naannoo keenya karaa harka wayaa jalaan hogganaa saamicha guddaa geggeessaa ture jedhan pirezidaanti Ashaadil .Har'a gareen juntaa kun raayyaa ittisa biyyaan rukutamee afaan boollaa gubbaa jira kan jedhan Pirezidaanti Ashaadil Misooma keenya arifachiisuun garagarummaa tokko malee hojjennee badhadina keenya mirkaneessinas jedhan.

Kana galmaan gahuuf immoo Uummata oromoo fi mootummaa naannoo Oromiyaa waliin ciminaan hojjennas jedhaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015