Ministirri Muummee ittaaanaafi Ministirri Dhimma Alaa Ministira Dhimma Alaa Federeeshiinii Ruussiyaa Sargee Lavroovi waliin haala yeroofi haala walitti dhufeenya biyyoota lameeni cimsuun danda’amurratti bilbilan mari’atan.

80

Finfinnee Sadaasa 24/2013(TOI)-Ministirri Muummee ittaaanaafi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin Ministira Dhimma Alaa Federeeshiinii Ruussiyaa Sargee Lavroovi waliin haala yeroofi haala walitti dhufeenya biyyoota lameeni cimsuun danda’amurratti bilbilan mari’atan.

Obbo Dammaqaan Opporeeshiinin mootummaan naannoo Tigraayitti olaantummaa seera mirkaneessuuf taasise of eggannoo cimaan kan hogganameefi lammiilee nagaarraa miidhaan osoo hin qaqqabiin milkiin xumuramuu ibsaniiru.

Ammatti hojiin yakkamtoota seeratti dhiyyeessu,haala uumame ture tasgabbeessuu,lammiilee deeggarsa namooma barbaadanif dhaqqabsisuufi lammiilee buqqa’an deebisani dhaabuu kan hojjatamuu ta’uu ibsaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Ruussiyaa Sargee Lavroovis Itiyoophiyaatti burjaaji uumame ture sirreessuuf tarkanfii seera kabaachisuu fudhatame dinqisifachuun, dhimmi dhimmaa biyyaa keessa waan ta’eef gidduseentummaan alaa akka hin barbaachifne kan himan yoo ta’u,Ruussiyaan gama hundaan Itiyoophiyaa cinaa kan hiriirtu ta’uu mirkaneessaniiru.

Walitti dhufeenya bara dheera biyyoota lameen giddu ture daran cimsuuf waligalaniiru.

Ministeera Dhimma Alaarraa odeeffanne.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015