Bu’ura filannoon bilisaa fi haqa qabeessi itti gaggeeffamu kaa’uuf mootummaan murannoon hojjechuu itti fufa - Dooktar Abiy

72

Finfinnee, Sadaasa 23/ 2013 (TOI) – Bu’ura filannoon bilisaa fi haqa qabeessi itti gaggeeffamu kaa’uuf mootummaan murannoon hojjechuu kan itti fufu ta’uu Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad har’a hoggantoota Paartilee siyaasaa fi bakka buutoota hawaasa siivikii waliin mari’ataniiru.

Haala filannoo itti aanu demookraatawaa taasiisuun danda’amurratti hoggantoota Paartilee siyaasaa waliin waliigalteerra ga’uu Dooktar Abiy Fuula Feesbuukii isaaniin ibansiiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015