Dorgomiin bareedinaa guyyaa ayyaana sabaafi sablammootaa marsaa 15ffaa sababeeffachuun Sadaasa 27 qophaa’ufi

60

Finfinnee Sadaasa 23/2013(TOI)- Guyyaa ayyaana sabaafi sablammootaa marsaa 15ffaa sababeeffachuun dubartoota mimmidhagoo aadaafi tokkummaa biyyattii calaqqisu danda’an naannolee hundaafi bulchiinsa magaalotaa lamaan irraa kan hirmaatan ta’a.

Sagantaa dorgommii miidhaginaa kana kan qopheesse (East Africa intertainment ) mana maree Federeeshinii waliin yoo ta’u, kaayyoon isaas dargaggoonni ambaasaaddara aadaafi nageenyaa ta’un gahee isaanirraa eegamu akka bahuu danda’an ta’uu Daayrektarri East Africa Intertainment obbo Biiniyaam Fiqaaduu dubbataniiru.

Biyya tokkummaa waligalte biyyooleessaa irratti hunda’e ijaaruu keesatti dargaggoonni gahee bakka hin buune qabu kan jedhan ammoo Hoogganaa Itti Aanaa Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Gizaachoo Gabbisaati.

Obbo Gizaachoon akka jedhanitti waldanda’uunifi wal kabajuudhaan biyya keenyaa karaa badhaadhinaatti imalchiisuuf dargaggoonni hojii dhaloota baraaruu hojjechuu qabu.

Dorgommii kanaanis hundi keenyaa mo’ataa kan itti taanufi tokkummaa biyya keenyaa itti fufsiisuuf hojii ambasaaddarummaan walitti fufiinsaan kan hojjetamuu qabu akka ta’ees dubbataniiru.

Artiist Qamar Yusuf gamasaatin Miidhaginni Itoophiyaa kan dubbatamee hin dhumneefi guyyaa kanaan ammoo Itoophiyaa kallattii hundaan ambaasaaddaroota keenyaan kan itti beeksisnuudha jedheera.

Sirni dorgommii miidhaginaa kun Sadaasa 27/2013 paarkii tokkummaatti kan gaggeeffamu akka ta’ees ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015