Biriitaaniyaan talaalliin vaayrasii koroonaa ‘Faayzar’ jedhamu faayidaarra akka oolu eeyyamte

50

Finfinnee, Sadaasa 23/2013 (TOI) – Biriitaaniyaan talaalliiwwan vaayrasii koroonaa ‘Faayzar fi Baayoonteek’ jedhaman faayidaarra akka oolan eeyyama laatte.

Biriitaaniyaan biyyoota Lixaa keessaa biyya jalqabaa eeyyama talaallii Koroonaa laatte ta’uu ishee ibsameera.

Talaalliin kun %95 vaayrasicha fayyisuu akka danda’u mirkanaa’uu to’attoonni dhibee Biriitaaniyaa beeksisaniiru.

Lammiilee Biriitaaniyaaf torbee dhufuu eegalee talaallichi kan laatamu ta’uu eerrameera.

Mootummaan Biriitaaniyaa talaallii namoota miiliyoona 20f talaaluu danda’u ‘Doozii’ miiliyoona 40 ajajuu kan ibsame yoo ta’u, miiliyoonni 10 guyyoota muraasaa keessatti dhiyaata jedhame.

Talaallichi marsaa jalqamaan ogeeyyii yaala Fayyaa fi namota umrii waggaa 80 oliif kan laatamu yoo ta’u, marsaan lammataan namoota umrii waggaa 50 oliif fi dargaggoota rakkoo fayyaa qabaniif ni laatama jedhameera.

Maddi:-BBC

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015