Hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu mariidhaaf akka hin dhihaanne ibsame

87


Guraandhala 16/2011) -   Hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu mariidhaaf kan dhihaatu akka hin taane hoogganaan biiroo dhimmoota komunikeeshinii mootummaa naannoo oromiyaa ibsan.

Hoogganaan biiroo dhimmoota kominikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Admaasuu Daamxoo har'a ibsa gazexessitootaaf kennaniin akka jedhanitti, olaantummaa seeraa kabachiisuuf tarkaanfiin  mootummaan nannoo Oromiyaa fudhachaa jiru mariidhaaf kan dhihaatu akka hin taane hubachiisaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa fayyadamummaa hawaas diinagdee ummataa kabachiisuuf hojiiwwan heddu hojjechaa kan jiru ta’uusaa kan ibsan Obbo Adimaasun, alseerummaa ,weerara lafaa (ijaarsa seeraan alaa) naannoo magaalootaatti mul’atu seera qabsiisuuf hojiin hojjechaa jiru isa ijoo akka ta’e himaniiru.

Magaaloonni naannicha keessa jiran mijataafi pilaaniisaanii eeggatanii akka guddatan taasifamaa jira kan jedhan hoogganaan kun, kana keessatti ijaarsa seeraan alaa pilaanii magaalootaatiin wal faalleessan seera qabsiisuuf hojiin hojjetamaa akka turee fi ammas hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Ijaarsa seeraan alaa fi weerara lafaa seera qabsiisuuf mootummaan naannoo Oromiyaa hojii hojjetaa jiruun  manneen seeraan alaa 36,117 akka diigamanii fi seera akka qabatu taasifameera kan jedhan obbo Admaasuun, jiraattoota magaalaa fi hojjettoota mootummaa akkasumas barsiisootaaf iddoon mana jireenyaa qopheessaa kan jiruufi hanga ammaas namoonni heddu fayyadammaa akka ta'anii fi hojiin kun cimee akka itti fufu eeraniiru.

Qaama hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu kan ta’e tibba kana Magaalaa Lagaxaafoo Lagadaadhiitti manneenifi iddoowwan dalleeffaman pilaanii magaalootaan wal faalleessan qulqullaa’an ummata mariisisuun akka diigaman taasifamuusaa eeraniiru.

Magaalaa Lagaxaafoo Lagadaadhiitti manneen seeraan alaa ijaaramanii fi  iddoowwan dalleeffaman 12,381 yoo ta’an, bara darbe manneen seeraan alaa ijaaraman 1,307 akka diigaman taasifamuu isaa kaasanii, manneen qabiiyyee durii 5000 ta’an ammoo pilaanii magaalichaan kan wal hin faalleessinee ta’uusaatiin gara seera qabeessaatti akka dhufan taasifamuu ibsa kennamerraa beekuun danda'ameera.


Tarkaanfii fudhatameenis manneen seeraan alaafi pilaanii magaalichaa waliin wal faalleessan 347 akka diigaman taasifamuus dabalanii ibsaniiru.

Magaalaa Lagaxaafoo Lagadaadhiitti hojii seera qabsiisuu hojjetame bu’ura seeraatiin ta’us adeemsa raawwii keessatti dogongorriifi rakkoon yoo mudate sirreessuf Pireezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa koree hundeessuun garasitti kan ergan ta’uusaas obbo Admaasuun himanii, koreen kun qulqulleessee gabaasa dhiyeessu irratti dhaabbachuun qaawwii ykn dogongorri uumame yoo jiraate bu’ura seeraatiin kan sirra’aa deemu ta’uus ibsameera.

Ummannis akkuma armaan duraa mootummaan hojii olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojjetuuf tumsa akka taasisuu Obbo Admaasuun dhaamaniiru.

Madda: BDHKMNO

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015