Raayyaa ittisa biyyaa deeggaruuf ogeeyyiin yaala fayyaa marsaa 2ffaan gara sana imalan

89

Finfinnee, Sadaasa 19/2013 (TOI) – Tarkaanfii olaantummaa seeraa mirkaneessuuf naannoo Tigraayitti fudhatamaa jiru deeggaruuf ogeeyyiin yaala fayyaa marsaa 2ffaan gara sana imalan.

Ogeeyyiin yaala fayyaa Hospitaaloota magaalaa Finfiinnee garaagaraa keessaa walitti babba’an 60 fi Ambuulaansoonni deeggarsa laatan 2 raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa ogummaa laachuuf gara sana imalaniiru.

Hogganaa Biiroo Eeggumsa Fayyaa magaalaa Finfinnee Dooktar Yohaannis Caalaa dabalatee hoggansi olaanoon magaalichaa ogeeyyii kanneeniif gaggeessaa taasiisaniiru.

Waamicha biyyaa fudhachuun ogummaa qabaniin deeggarsa taasiisuuf qophii ta’uu isaanii ogeeyyiin kunneen ibsuu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii Magaalaa Finfinneerraa argame ni agarsiisa.

Ogeeyyiin yaala fayyaa 48 dhaabbilee fayyaa magaalaa Finfinnee keessa walitti babba’an tarkaanfii naannoo Tigraayitti olaantummaa seeraa kabachiisuuf fudhatamaa jiru deeggaruuf marsaa duraan gara sana imaluun isaanii kan yaadatamuudha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015