Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad Dura taa’aan Gamtaa Afrikaa Siiriil Raamaafoosaa Ityoophiyaatti hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu waan hubataniif galateeffatan

48

Finfinnee, Sadaasa 18, 2013 (TOI) – Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad Dura taa’aan Gamtaa Afrikaa Siiriil Raamaafoosaa Ityoophiyaatti hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu waan hubataniif galateeffatan.

Dura taa’aan Gamtaa Afrikaa wayita ammaa fi preezdaantin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaa hojii olaantummaa seeraa Ityoophiyaa raawwachaa jirtuu fi namoota yakkaan barbaadaman seeratti dhiyeessuf hojii hojjetamaa jiru hubachuu isaaniif Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad galateeffataniiru.

Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad kan galateeffatan jila Dura taa’aan Gamtaa Afrikaa Siiriil Raamaafoosaa, preezdaantii Laaybeeriyaa duraanii Eelan Joonsaa-Sarliif, preezdaantii Moozambiik duraanii Jo’akiim Chisaanoo fi Preezdaantii Afrikaa Kibbaa duraanii Kigaaleemaa Mootlaan wayita simatanii waliin haasa’anidha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015