Magaalaa Adoolaatti maallaqni sobaa Birrii kuma 72 fi 400 to’atamuu poolisiin beeksise

130

Finfinnee, Sadaasa 17/ 2013 (TOI) –Naannoo Oromiyaa Godina Gujii magaalaa Adoolaatti maallaqni sobaa Birrii kuma 72 fi 400 to’atamuu poolisiin beeksiseera.

Maallaqni sobaa kun kan to’ataman magaalaa Adoolaatti Sadaasa 7-11, 2013 guyyoota jiran keessatti warqee fi motar saayikilii bituuf otuu yaalanii shakkamtoota sadi harkatti ta’uu Itti Aanaa Hogganaan kominikeeshinii Qajeelcha Poolisii Godinichaa komaandar Baqaaluu Ballaxaa ibsaniiru.

Jijjiirraa maallaqa sobaa babal’achaa dhufee fi sochiiwwan seeraan alaa biroo ummanni wayita isaan mudatu poolisiif eeruu akka latan waamicha dhiyeessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015