Jaarmiyaaleen dubartootaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee raayyaa ittisa biyyaatiif maallaqaa fi meeshaalee nyaataa garaa garaa deeggarsaan kennaniif beekkamtii kenne

65

Finfinnee Sadaasa 17/2013(TOI) - Jaarmiyaaleen dubartootaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee raayyaa ittisa biyyaatiif maallaqaa fi meeshaalee nyaataa garaa garaa deeggarsaan kennaniif beekkamtii kenne.

Jaarmiyaaleen dubartootaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee ,kutaa magaalaa hundarratti jaarmiyaalee dubartootaafi qaamoolee garaagaraa hirmaachisuun deeggarsa raayyaa ittisa biyyaatiif walitti qaban maallaqa birrii miliyoona 100 fi miliyoona 82 ol fi meeshaalee nyaataa akkasumas meeshaalee qulqullinaa birrii miliyoona 5.8tti tilmaamamu gumaachuu hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa'iimmanii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee addee Haaddas Kiiduu ibsaniiru.

Sirna beekkamtii kennuu Hoteela Intarkontineentaalitti qophaa'e irratti argamuun kantiibaa Itti aantuun Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee addee Adaanach Abeebee jaarmiyaalee kanneeniif beekkamtii kennaniiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015