“Haleellaan gareen gantuu TPLF raayyaa ittisaarratti taasise yakkootasaa waggoota 27f raawwate jalaa miliquufi” -Obbo Hayilamaariyaam Dassaalany - ENA Afaan Oromoo
“Haleellaan gareen gantuu TPLF raayyaa ittisaarratti taasise yakkootasaa waggoota 27f raawwate jalaa miliquufi” -Obbo Hayilamaariyaam Dassaalany
Finfinnee Sadaasa 16/2013(TOI) - gareen gantuu TPLF Raayyaa Ittisa Biyyaarratti raawwateefi waraana kan eegale balleessaafi yakkoota waggoota 27f dhoksuufi ittigafatama jalaa bahuuf yaadee akka ta’e Ministirri Muummee Itoophiyaa duraanii Obbo Hayilamaariyaam Dassaalany dubbatan.
Obbo Hayilamaariyaam, wayita aangoorra turanitti balleessaafi amala garee gantuu TPLF kana bareechanii akka beekan dubbataniiru.
Kanaaf ammo balleessaafi yakkootasaanii jalaa miliquuf waraana eegalan jedhu.
Waggoota 27f Itiyoophiyaa keessattis ta’e raayyaa ittisaa gidduutti sabaan akka wal qoqqodaniifi biyyattii kufaatirra buusuuf akkasumas namootasaanitti fayyadamuun waan barbaadan gochuu akka danda’anitti yaadaa turan jedhu.
Haa ta’u malee, Mootummaan federaalaafi Itiyoophiyaanonni yeroo kamiyyuu caalaa tokkummaan socho’uunsaanii akka isaan yaadan ta’uu dhabuusaa himaniiru.
Gareen kun yakkoota kanaan dura hojjetaa tureefi amma hojjechaa jiru jalaa miliquuf tattaffiilee adda addaa taasisaa jira kan jedhan Obbo Hayilamaariyaam, yaada marii jedhuun yeroo dheereffachuuf, qabiyyee biyyooleessaa akka qabaatuuf, akkasumas yakkootasaa jalaa miliquun yoo ta’eefis aangootti deebi’uu yaada jedhaniiru.
Garee kana waliin marii taa’uun nageenya waaraa Itiyoophiyaaf daandii hin taanedha kan jedhan yoo ta’u, tarkaanfii olaantummaa seeraa amma mootummaan fudhachaa jiru jiraattoota naannichaafi namoota qulqulluu otoo hin miidhin xumuramee yakkamtoonni seeratti dhiyaachuu qabu jechuun himaniiru.
Barruu “Fooran poolisii” jedhamurraa odeeffanne.