Mootummaan Federaalaa yakkaa gara jabinaan Maayikaadiraatti raawwatame balaleeffate

52

Finfinnee Sadaasa 16/2013(TOI)-Mootummaan Federaalaa yakkaa gara jabinaan Maayikaadiraatti raawwatame balaleeffate.

Gabaasa Komishiniin Mirgaa Namoomaa Itiyoophiyaa ifa taasiseen gochii garee juuntaa TPLF gara jabinaan lammiilee nagaa irratti raawwate kana nama gadisiisuu ta’uu ibseera mootummaanis.

Ibsi Komishiniin Mirgaa Namoomaa Itiyoophiyaa baase, ibsi Aministii Intarnaashinaal dhugaa ta’uu isa kana mul’ises jedhameera.

Yakkii raawwatames qophii bal’aa taasisuun,karooraa baasuunii fi bifa gurmaa’insa qabun yakka raawwatame ta’uu ibsameera.

Kanaaf, yakkii kun yakkaa mirgaa dhala nama kan sarbeefi yakkaa waraanaa raawwatamee ta’uun ibsameera.

Kana hubachuun uummaanni Addunyaa yakkaa raawwatame balaleeffachu qaba jechuun Mootummaan dhaamsa dabrseera.Waajjira Ministira Muummeerraa odeeffanne.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015