Mootummaan sa’aati 72 kenne fayyadamuun miseensonni Milishaafi humna addaa naannoo Tigraayi hedduun harka kennachaa jirachuu Qulqulleessa Ragaa Odeeffannoo labsii yeroo muddamaa beeksise

80

Finfinnee Sadaasa 15/2013(TOI) - Mootummaan sa’aati 72 kenne fayyadamuun miseensonni Milishaafi humna addaa naannoo Tigraayi hedduun harka kennachaa jirachuu Qulqulleessa Ragaa Odeeffannoo labsii yeroo muddamaa beeksise.

Naannoo Affaarin namoonni hedduun harka kennachaa kan jiran yoo ta’u humni Maayi Tsabriitti adda cituun hafee harkaasa karaa nagaan kennachaa jiraachuun himameera.

Waamicha mootummaan dhiyyeesse dhagahuun miseensonni Milishaafi humna addaa naannoo Tigraayi harka kennachaa jiran ummatasaanif yaadusaanif mootummaan galata dhiyyeessa.

Dhiibbaa Juuntaa keessa ta’uun harkaa kennachuu kan hin dandeenye martu bakkuma jirtanitti hidhannoo keessan hikkattaniifi Juuntaan akka isinitti hin fayyadamnef,Raayyaan Ittisa Biyyaa hanga isinif qaqqabuutti obsaan akka eeggattan isiin gaaffannas jedheera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015