Bakki bashannanaa ‘Anbassaa Gibbii’ hojii eegalus tajaajila guutuu kennaa hin jiru

106


Finfinnee Guraandhala 14/2011 Magaalaa Finfinneetti kan argamu fi qarshii miliyoona 28 haaromsi kan taasifameef bakki bashannanaa ‘Anbassaa gibbii’  tajaajila guutuu kennaa akka hin jirre ibsameera.

Biiroon konistiraakshinii magaalattii gamasaatiin, hojiin haaromsa paarkichaa hafe torbee lamaan dhufutti ni xumurama jedhaniiru.

Zuu paarkii addisitti bakki bashannanaa ‘anbassaa gibbii’ bifa ammayyaatiin ijaaramee hawaasaaf tajaajila akka kennu yaadamee waggaa lama dura cufamee ijaaramaa tureera.

Haa ta’u malee torban kana tajaajila kan jalqabe jiddu galeessichi, ijaarsi tokko tokko yeroon xumuramuu dhabuu isaatiin uummataaf tajaajila ga’a kennuu hin dandeenye.

Jiddu galeessa bashannanaa ‘anbessaa gibbiitti’ daawwannaarra utuu jiranii kan argine keessaa obbo Yibelxaal Kamaal kaffewwan tajaajila bashannanaaf ijaaramanis ta’e manneen boolii haalaan  hojii jalqabuu dhiisuun isaaf komii qabaachuu isaanii ibsanii, paarkichi hojii jalqabuun isaa gaarii ta’us tajaajila guutuu akka kennu godhamuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Jiddu galeessichi leencota dabalataa fiduun tajaajila amma kennu caalaatti fooyyessuu qaba kan jettu durbee Masarat Lammaa hojiin haaromsaa yeroo dheeraa erga fudhatee guutummaatti hojii isaa jalqabuu dhiisuun sirrii miti jetteetti.

Qindeessaan jiddu gala ‘Anbassaa gibbii’ kan ta’an obbo  Yirgaalam Ayyalaa akka jedhanitti, waggaa lama dura baasii qarshii miiliyoona 28tti  siquun haaromsi jiddu galeessichaa  eegaluu isaa eeranii haaromsichi yeroo dheeraa fudhachuun isaa uummata komiif saaxileera jedhan.

Mana boolii uummataa dabalatee ijaarsi tajaajiloota garaagaraa  keennan xumuramuu dhabuun tajaajila guutuu kennuu jalqabuu akka hin dandeenye hubachiisuun, paarkichi  kontiraaktaroota  garaagaraa itti jijjiiramuun yeroo dhiyootti hojii akka jalqabu godhamaa jira jedhaniiru.

Adeemsa ijaarsichaa keessatti rakkoo mudataa jiru biiroo konstiraakshinii Finfinneef beeksisanis hanga ammaatti  deebii akka hin arganne isbaniru.

Magaalaa Finfinneetti  dura taa’aa  biiroookonistiraakshinii injiinar Yoonaas Ayyaalew gamasaaniitiin ijaarsi jiddu galeessichaa irra caalaan xumuramuu isaa ibsanii kanaan dura dizaayinii garaagaraa jijjiiraa turuun isaa yeroon ijaarsaa akka lafarra  harkifatu taasisera jedhaniiru.

Jiddu galeessichi diizaayiniin beekamtii konistiraakshiniitiin ala hojjechiise tokko tokko barbaachisaa waan hin taaneef akka kufan taasifameera kan jedhan Injiinar Yoonaas, “mukkeen umrii dheeraa qaban muranii hojii ijaarsaa hojjechuun paarkichaaf sirrii miti” jechuun dubbataniiru.

Diizaayinoota fooyyessuudhaan mukkeen osoo hin muramiin manneen beellanni keessa turan ijaaramanii tajaajilaaf qophaa’uusaaniis injiinar Yoonaas dabalanii ibsaniiru.

Torbee lama kana keessa hojiin hafan xumuramanii paarkichii tajaajila guutuu kennuu ni eegala jedhaniiru.

Yeroo ammaa kana bakka bashannanaa ‘Anbassaa gibbii’ keessa leenci kudha, Ambaaraayilee’ 1, Quruphee 1, Qamalee baalee 1, Jaldeessa cilaadaa 1 fi simbirrooleen garaagaraa ni argamu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015