Dorgommii Foramii magaalotaa beeksisuu saddettaffaa Hawaasaan mo’atte

51

Finfinnee Guraandhala 14/2011 Dorgommii foramii magaalota beeksisuu saddettaffaa Hawaasaan mo’atteetti.

Dorgommiin magaalonni ittiin of beeksisan kan baranaa ulaagaalee afuriin adeemsifameera.

Ulaagaaleen kunneen jiraataa kuma 20 gadii, jiraataa nama kuma 20 olii, pirojektii babal’isa keessoo magaalotaa sadarkaa tokkoo fi lama kan jedhanidha.

Haala kanaan dorgommii magaalaa beeksisuu jiraataa kuma 20 gadiitiin Dukam, Waraabee fi Sulultaan tartiibuma taa’een sadarkaa tokkorraa amma sadiitti ba’aniiru.

Dorgommii jiraataa kuma 20 oliitiin ammoo Fiicheen tokkoffaa, Kamiseen lammaffaa, Moojoon sadaffaa ba’uun mo’ataniiru.

Magaaloota ulaagaa babal’isa pirojektii keessootiin dorgoman 18 keessaa Hawaasaan tokkoffaa taateetti.

Shaashamanneen lammaffaa, Adaamaan ammoo sadaffaa ta’uun mo’ataniiru.

Magaalaa beeksisuun Hawaasaan wayita mo’attu, Finfinnee fi foramii 7ffaa kan qopheessite Jigjigaan ammoo badhaafamtoota addaa ta’aniiru.

Foramicharratti raawwii fooyya’aa kan qaban hojii uumtonni, inarpiraayizoonni, waldaaleen, dhaabbileen teekiniikaa fi oggummaa fi konistiraakshinii badhaasa jajjabeessituu fi beekamtii kennameeraaf.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015