Hojiin olantummaa seeraa mirkaneessuf mootummaan federaalaa fudhachaa jiru biyyoota hubachiisuu milkahadha jedhe Ministeerri Dhimma Alaa

148

Finfinnee Sadaasa 11/2013(TOI) - Ministirri Muummee Ittaanaafi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonniin daawwannan hojii dhiyeenya kana biyyoota ollaa afuritti taasisan kan milka’ee ta’uu dubbi himaan ministira dhimma Alaa Ambaassaddar Diina Muftii himan.

Torbee darbee Obbo Dammaqaa dabalatee hoggantoonni biroo tarkanfii Itiyoophiyaan Kaabaa biyyaattitti seera kabaachisuuf fudhachaa jirtuun,hawaasni Idil-addunyaa hubannoo dogoggoraa akka hin qabanneef hojii hojjatameen milkiin galma’uu himaniiru.

Kanarraa kan hafe mariiwwan garagaraa bilbilaafi weebnaariin biyyoota biroo waliin mari’atamuus himaniiru.

Hawaasa diploomaatiikii Itiyoophiyaatti argaman waliin mari’atamuus Ambaassaddar Diina Muftiin eeraniiru.

Lammiileen 84 Beerutiirraa,269 immoo Jiddaarraa akka deebi’an taasifamuus himaniiru.

Hidha Haroomsa Guddicha Itiyoophiyaa ilaalchisee mariin sadeeni adeemsifamaa jiru kan itti fufu ta’uu himaniiru.

waluma galatti tarkaanfiin olaantummaa seeraa kabaachisuu Itiyoophiyaan fudhachaa jirtu hawaasa Idil-adduunyaa biraatti dhimmaa biyya keessaa akka ta’ee fudhatamummaa argachuu himaniiru. maddi OBN.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015