Godina Matakkalitti garee shiftaa lammiilee nagaa irraaan miidhaa geessisu balleessuf qindominaan hojjetamaa jira- pirezedaantii naannoo benishangul Gumuz obbo Ashadlii Hasan

66

Finfinnee Sadaasa 11/2013(TOI)- Godina matakkalitti garee shiftaa lammiilee nagaa irraaan miidhaa geessisan balleessuf qindominaan hojjetamaa jira- jedhan pirezedaantii naannoo benishangul Gumuz obbo Ashadlii Hasan.

Humnoota farra nageenyaa lammiiolee nagaa godina matakkal jiraatan irraa deddeebiin miidhan balleessuf godinaalee olla,qaamolee federaalaa waliin hordoffii gochuun seeratti akka dhihaatan godhamaa jiru jechuun EBCtti himan obbo Ashadliin.

Komandipostii godinichatti hundaa’een farreen nageenyaa 100 ol barbadeessuun hoggantoota sadarkaan jiran kanneen dhimmichaan shakkaman dabalatee namooni hedduun toohannoo jala oolaa jiraachus himan.

Naannolee olla fi qaamolee federaalaa waliin farreen nageenyaa kana toohachuuf hojjetamaajiraatus rakkichi walxaxaa waan ta’eef guutuman guututti furuuf rakkisa ta’uu ibsan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015