Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad hoggantoota bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay waliin mari’atan

83

Finfinnee, Sadaasa 10,2013 (TOI) –Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad hoggantoota bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin gareen badii ABUT miidhaa caalu osoo hin qaqqabsisiin ariitiin seeratti dhiyeechaa akka qabu kaasaniiru.

Duulli olaantummaa seeraa kabachiisuu ummata magaalaa akka hin miine of eeggannoo cimaan gaggeeffamuu akka qabu mari’ataniiru.

Ummata Tigraay sababa walitti bu’iinsa garee Juuntaan buqqa’anii deebiisanii dhaabuu fi deeggaruuf hojiin gama Raayyaa Ittisa Biyyaan eegalame cimee itti fufu akka qabu marii taasiisaniin waliigalteera ga’amuu ibsameera.

Wayita duulli olaantummaa seeraa kabachiisuu xumurame ummata Tigraay deebisanii dhaabuuf karoorri qophaa’e dhiyaachuun irratti mari’atamu ragaan Waajjira Muummee Ministiraarraa argame ni muul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015