Dorgommii fiigicha daandiirraa 4ffaa waldaan wal’aansa Itoophiyaa dilbata dhufu ni gaggeeffama

88

Finfinnee Guraandhala 13/2011  waldaan wal’aansa Itoophiyaa Federeeshinii atileetiksii Itoophiyaa waliin wal ta’uun  qopheessu dorgommiin fiigichaa waldaa wal’aansaa Itoophiyaa daandiirraa 4ffaan  dilbata dhufu ni adeemsifama.

Dorgommii mata duree `` nageenya keenyaaf haa fiignu``jedhuun adeemsifamu ilaalchisee qopheessitoonni  ibsa gaazexeessitootaaf  kennaniin akka jedhanitti,  hawaasni sochii qaamaa gochuun dhukkuboota daddarboo hin taane ittisuuf hubannoon uumamuu qaba.

Pirezidaantiin Waldaa wal’aansa Itoophiyaa  doktar Gammachiis Maammoo kaayyoon dorgommichaa hawaasni aadaa sochii qaamaa gochuu  guddisuun dhukkuboota daddarboo hin taane ofirraa ittisuuf carraa hubannoo uumuufii danda’u dha jedhaniiru.

Kiilomeetira 5 kan fagaatu fiigichi daandiirraa kun ka’umsisaa fi ga’umsi isaa addabaabayii dayaasporaa akka ta’e ibsameera.

Atileetonni 100 ga’an dorgommicharratti kan hirmaatan yoo ta’u, ogeessonni fayyaa fi kan biroon kuma 2 fi 500  ta’an qophicharratti ni ni afeeramu jedhameera.

Dorgommiin atileetota gidduutti adeemsifamu koorniyaa lamaanuu 1ffaa ta’uun kan xumuraniif  badhaasni qarshii kuma 15, 2ffaa warra ba’aniif qarshii kuma 10 fi 3ffaa ta’anii kan xumuraniif immoo qarshiin kuma 7 akka kennamuuf dubbataniiru.

Akkasumas sadarkaa 4ffaa hanga 6ffaatiin warri xumuran badhaasa qarshii akka argatan eerameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015