Miseensoonni mana maree bakka bu'oota ummataa fi mana maree federeeshinii deeggarsa Raayyaa ittisa biyyaaf qaban ibsan.

67

Finfinnee, Sadaasa.08,2013(TOI)- Miseensoonni mana maree bakka bu'oota ummataa fi mana maree federeeshinii deeggarsa Raayyaa ittisa biyyaaf qaban ibsan.

Miseensoonnii fi hojjattoonni manneen maree bakka bu'oota Uummataa fi federeeshinii sagantaa "Raayyaa Ittisa Biyyaaf nan dhaabbadha" jedhurratti argamuun harkasaanii qomasaaniirrra kaawwachuun deeggarsa isaanii mul'isaniiru.

Daqiiqaa tokkoof harkasaanii walitti rukkutuun deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf qaban mul'isaniiru.

Af-Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasaa Caafoo fi Af- Yaa’iin Mana Maree Federeshinii, Obbo Adam Faaraah sirna kanarratti himaataniiru.

Fuula Feesbuukii Mana maree bakka Bu'oota Uummataa irraa odeeffanne.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015