Jilli obbo Dammaqaa Makkoonniin durfamu biyyoota Baha Afrikaatti daawwannaa gaggeessaa jira

46

Finfinnee, Sadaasa 7/ 2013 (TOI) – Jilli itti aanaa Muummee Ministiraa fi Ministeera Dhimmaa Alaa obbo Dammaqaa Makkoonniin durfamu biyyoota Baha Afrikaatti daawwannaa gaggeessaa jiraachuu ibsameera.

Haala yeroo ammaa Ityoophiyaa biyyoota kanneen hubachiisuuf jilli kun naannichatti daawwannaa gaggeessuu eegaleera.

Jilli kun garee finxaaleyyii ABUT seeraatti dhiyeessuuf hojii olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojjetamaa jiru ilaalchisee ejjennoo mootummaa irratti ibsalaateera.

Daawwannaan kun biyyoota naannichaa 6 ni uwwisa jedhameera.

Yaa ta’uutii odeeffannoon jilli Ityoophiyaa Ugaandaatti ABUT waliin jaarsuummaa ta’uuf gara sana imale jechuun miidiyaalee garaagaraan tatamsa’aa jiru soba ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muuli’sa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015