odina Gujii Lixaa magaalaa Bulee Horaatti hiriirri mormii Garee Juntaa ABUT Raayyaa Ittisa Biyyaa irratti raawwate balaleeffatu gaggeeffame.

679

Finfinnee, Sadaasa 07,2013(TOI)- Godina Gujii Lixaa magaalaa Bulee Horaatti hiriirri mormii Garee Juntaa ABUT Raayyaa Ittisa Biyyaa irratti raawwate balaleeffatu gaggeeffame.

Jiraattonni magaalaa Bulee Horaa fi aanaa Bulee Horaa magaalaa Bulee Horaatti bahuun deggarsa raayyaa biyyaatiif qaban hiriiraan ibsataniiru.

Hiriira kana Irraatti dhaadannoowwan, gocha ABUT raayyaa ittisa Biyyaarratti aggaamte ni mormina, deeggarsa raayyaa ittisaatiif qabnu itti fufsiisna ni dhugoomsinafi kkf jechuun sagaleesaanii dhaggeessifatanii jiru.

Bulchaan godina Gujii Lixaa obbo Tafarii Wandafraawu Ummanni godina Gujii Lixaa deeggarsa isaanii Itti fufuun aantummaasaanii agarsiisaniiru jedhan.

Deggarsa kanaanis birriin miliyoona tokkofi kuma dhibba 3 oliifi sangoonni 200 ol walitti qabamuu beeksisaniiru.

OBN gabaase.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015