Diippiloomaatoni adeemsa seera kabachiisuurratti hawaasa idil addunyaatif hubannaa uumuu beeksisan

58

Finfinnee, Sadaasa 6, 2013 (TOI)- Diippiloomaatoni adeemsa seera kabachiisuurratti hawaasa idil addunyaatif hubannaa uumuu beeksisan.

Itti aanaan muummee ministiraa fi ministirri dhimma alaa obbo Dammaqaa Makoonnan hoggansa ergama diippiloomaatiikii waliin marii weebnaarii gaggeessaniiru.

Ergaama seera kaabachiisuu naannoo Tigraayiti gaggeeffamaa jirurratti mari'ataniiru.

Garee badii ABUT irratti tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu, yakkamtoota seeratti dhiyeessuuf fudhatamurrtti hubannaa walqixa uumuun murteessaa ta'uun eerameera.

Hawaasni naagayaa akka hin miidhamne of eeggannaan taasifamaa jiraachuu fi iddoowwan bilisa ba'aanitti deeggarsi namoomaa dhiyaachaa jiraachuun ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015