Tajaajilli Tiika-Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyaalessaa adeemsa jijjiirama eegalame cimee kan itti fufu ta’uu Daareektarri Olaanaan Tajaajilichaa Obbo Tamasgeen Xiruunah himan

61

Finfinnee Sadaasa 05/ 2013(TOI) - Tajaajilli Tiika-Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyaalessaa adeemsa jijjiirama eegalame cimee kan itti fufu ta’uu Daareektarri Olaanaan Tajaajilichaa Obbo Tamasgeen Xiruunah himan.

Daarikatara Olaanaa jeeneraalaa Tajaajila Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyaalessaa ta’anii kan muudaman Obbo Tamasgeen Xiruunah, hoggantoota Dhaabbatichaa fi miseensota waliin ta’uun fooramii eegalame itti fufsiisuu fi faayidaa tajaajila Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyaalessaa eegsiisuuf akka hojjetan ibsaniiru.

Obbo Tamasgeen Xiruunah fi Dhaabbaticha hogganaa kan turan Komishinar Dammallaash G/Mikaa’eel waliin wal harkaa fudhinsa hojii taasisaniiru jedha gabasni Dhaabbata Piresii Itoophiyaa.

Sirna wal harkaa fudhinsicha irratti tajaajila waajjirichaa, adeemsa fooremichaan sanadoota hojiilee eegalaman ilaallatu wal harkaa fudhinsi

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015