Hoggantoonnii fi hojjettoonni mootummaa bulchiinsaa magaalaa Finfinnee Birrii miiliyoona dhibba 7 fi miiliyoona 50 ol deeggarsa laachuuf waadaa galan

63

Hoggantoonnii fi hojjettoonni mootummaa bulchiinsaa magaalaa Finfinnee Birrii miiliyoona dhibba 7 fi miiliyoona 50 ol deeggarsa laachuuf waadaa galan

Hiriira akka Oromiyaatti har’a gaggeeffameenis Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsi birrii miiliyoona 18 olii taasifame

Finfinnee, Sadaasa 4, 2013 (TOI) - Hoggantoonnii fi hojjettoonni mootummaa bulchiinsaa magaalaa Finfinnee deeggarsa raayyaa ittisa biyyaaf mindaa isaanirraa birrii miiliyoona dhibba 7 fi miiliyoona 50 ol waadaa galuu ibame.

Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee hojii olaantummaa seeraa garee badii ABUT irratti fudhatamaa jiru deeggaruuf hoggantoota sadarkaan jiran waliin mari’ataniiru.

Hojii qabeenya walitti qabuu Hanga ammaatti hojjetameen hoggantoonnii fi hojjettoonni mootummaa bulchiinsaa magaalaa Finfinnee sadarkaan jiran deeggarsa raayyaa ittisa biyyaaf mindaa isaanirraa Birrii miiliyoona dhibba 7 fi miiliyoona 50 ol waadaa galuu ibameera.

Deeggarsa taasifamu cinaatti hojiin idilee kenniinsa tajaajila dhaabbilee mootummaan cimee itti fufuu akka qabu aadde Adaanach ibsaniiru.

Keessattuu ijaarsa piroojektootaa fi qaala’iinsa jireenyaarratti hordoffii fi to’annoon cimaan taasiifamuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Hogganaan Biiroo Eeggumsa Fayyaa magaalaa Finfinnee Dooktar Yohaannis Caalaa gama isaaniin ofii isaanii dabalatee ogeeyyii fayyaa 15 waliin ta'uun deeggarsa ogummaa yaalaa taasiisuuf waadaa galaniiru.

Haaluma walfakaatuun hiriira akka Oromiyaatti guyyaa har’aa gaggeeffameen raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsi Birrii miiliyoona 18 fi kuma dhibba 6 fi kuma 85 olii taasifamuu sadarkaa itti aanaa pireezdaantiitti Qindeessaan Kilaastera hawaasummaa obbo Addisuu Araggaa ibsaniiru.

Dabalataniis deeggarsi sangoota kuma 1 fi 330, hoolaa fi re’een 401 raayyaa ittisa biyyaaf taasifamuu obbo Addisuun fuula Feesbuukii isaanitin ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015