Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa boruu walga’ii idileesa ni gaggeessa - ENA Afaan Oromoo
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa boruu walga’ii idileesa ni gaggeessa
47
Finfinnee, Sadaasa 2, 2013 (TOI)- Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI walga’ii idileesa 4ffaa bara hojii 6ffaa boruu ni gaggeessa.
Waltajjichi galma walga’ii waajjira Muummee Ministiraatti akka gaggeeffamu manni marichaa beekisisera.
Waltajjii kana irratti Boordiin Filannoo Biyyooleessaa Itiyoophiyaaf muudama miseensa tokko qoratee ni raggasisaan eegama.
Dhimmoota galii, baajataa fi faayinaansirrati koreen dhaabbii eksaayiz taaksii fooyyeessuf wixinee labsii dhiyeeteerratti gabaasa dhiyaatee fi yaada murtoo qoratee labsichaa akka raggasisuu ni eegama.