Ummanni Tigraayi Rayyaa Ittisa Biyyaa cinaa hiriruun garee Finxaaleeyyi ABUT mormee injifachuun bilisummaasaa labsuu qaba jedhan dhallattoonni naannoo Tigraayi Finfinnee jiraatan.

115

Finfinnee, Sadaasa, 01,2013(TOI)- Ummanni Tigraayi Rayyaa Ittisa Biyyaa cinaa hiriruun garee Finxaaleeyyi ABUT mormee injifachuun bilisummaasaa labsuu qaba jedhan dhallattoonni naannoo Tigraayi Finfinnee jiraatan.

Dhalattoonni Naannoo Tigraayi Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Boolee jiraatan FI miseensoota paartii Badhaadhinaa kan ta’aan dhimma haala yeroo biyyaattirratti mari’ataniiru.

Marii kanarrattis haleella Rayyaa Ittisa biyyaarratti raawwatamee ilaalchisee tarkanfiin Mootummaan fudhatamaa jiru lammiilee nagaarratti kan xiyyeeffate waan hin taanef kan deeggaran ta’uu himaniiru.

Hirmaattonni marii kanaa irratti hirmaata akka jedhanitti, sadarkaa amma irra jirru kanaf hadhooliifi Abbootin Tigraayi ijoolleesaani aarsa goochuun gahee olaanaa gumaachaniiru,ummata kanaaf immoo kuni hin malu jedhaniiru.

Yeroon Ummanni Tigraayi sabootaafi sablammoota biroo waliin ta’uun misoomarraa fayyadamuuf yeroo itti hojjetuudha malee yeroo aarsa hin mallee keessa itti galuu mitis jedhan.

Hojiin murni ABUT hojjachaa jiru aarsa ummanni Tigraayi tokkuummaa biyyaaf kaffalee fashaleessuuf akka ta’ee kan himan hirmaattoonni walgahicharratti hirtan kun Mirgi dhallattoota naannoo Tigraayi naannoolee garagaraa jiraatanis eegamu akka qabu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015