Talaalliin harka 90 vaayrasii koroonaarra nama baraaruu danda’u ifoome

61

Onkololeessa 30, 2013 (TOI) – Talaalliin harka 90 vaayrasii koroonaarra nama baraaruu danda’u ifoome.

Talaallii kana Kubbaaniyyoota lamatu oomishaa jira jedhame.

Talaalliin dhaabbilee lamaan ifoome kun vaayrasii koroonaan qabamuurraa %90 nama baraaruu danda’a jedhame.

Talaalliin kun biyyoota 6 keessatt namoota kuma 43 fi 500 irratti yaalii taasifameera jdhame.

Yaalii hanga ammaatti taasiifameen namootarratti rakkoo fayyaa hin muul’ifne jedhame.

Dhaabbileen kunneen xumura baatii Sadaasaatti talaallii kana hojiirra oolchuuf gaaffii dhiyeessaniiru.

Kubbaaniyyaawwan kunneen talaalliwaan miiliyoona 50 xumuraa jiraachuu ibsuun, xumura bara Faranjootaa 2020tti dhiyeessuu akka danda’an eeraniiru.

Bara 2021tti ammoo talaalliwwan biiliyoona 1.3 oomishuuf hojjechaa jiraachuu himameera jedha gabasni BBC

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015