Sodaan Itiyoophiyaan gara jeequmsaatti galti jedhu haala qabatamaa biyyatti hubachuu dhabuurraa kan maddedha jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi

57

Finfinnee Onkololeessa 30/2013(TOI)-- Sodaan Itiyoophiyaan gara jeequmsaatti galti jedhu haala qabatamaa biyyatti hubachuu dhabuurraa kan maddedha jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad fuula Twiitara isaaniirratti akka ibsanitti, jaallattoonni Itiyoophiyaa haala biyyattiin keessa jirtuuf xiyyeeffannoon keennan Mootummaan kan itti gammade ta’uu beeksisaniiru.

Haa ta’u malee, Itiyoophiyaan gara jeequmsaatti galti sodaan jedhu haala qabatamaa biyyattii hubachuu dhabuurraa kan madde ta’uu himaniiru.

Hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu amma jiru nageenyaa buusuufi yakkamtoota seeraatti dhiyeessuuf kan kaayyeeffameedhas jedhan.

Dr. Abiyyi ergamni olaantuummaa seeraa kabachiisuu yeroo muuraasa keessaatti akka xumuramuu ergaasaaniin ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015