Itoophiyaan gara jeequmsaatti galti sodaan jedhu haala qabatamaa biyyatti hubachuu dhabuurraa kan maddedha-Dooktar Abiy

80

Finfinnee, Onkololeessa 30, 2013 (TOI)-Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad Itoophiyaan gara jeequmsaatti galti sodaan jedhu haala qabatamaa biyyatti hubachuu dhabuurraa kan maddedha jechuun ibsan.

Dooktar Abiy Ahimad fuula Twiitara isaaniitin akka ibsanitti, michuuwwan Iyoophiyaa haala biyyaatti keessaa jiruuf xiyyeeffannoon laatan mootummaan kan itti gammadee ta’uu beeksisaniiru.

Haa ta’u malee Iyoophiyaan gara jeequmsaatti galti sodaan jedhu haala qabatamaa biyyatti hubachuu dhabuurraa kan madde ta’uu eeraniiru.

Hojiin olaantuumma seeraa kabachiisuun nageenyaa buusuuf yakkamtoota seeraatti dhiyeessuufis jedhaniiru.

Dooktar Abiy ergamni olaantuummaa seeraa kabachiisuu yeroo muurasa keessaatti akka xumuramuu ergaasaaniin ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015