Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n zoonii Lixaa hawaasaan simatamaa jira

22012

Guraandhala 13/2011 Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n zoonii Lixaa guyyaa kaleessaatii kaasee hawaasaan simatamaa jira.

Haaluma koreen teeknikaa fi araaraa akkasumas gumiin abbootii Gadaa waamicha dhiyeessaniin loltoonni Adda Bilisummaa Oromoo zoonii lixaa guyyaa kaleessaa irraa eegalee deebi'aa jira.

Waraanni bilisummaa Oromoo guyyaa kaleessaa aanaa Manasibuu ganda Harawweetti qaama mootummaa fi abbootii Gadaatiin simatamaniiru.

Guyyaa har'aas bifuma walfakkaatuun aanaa Beegii, Giddaa Ayyaanaa fi Baabboo Gambeelitti simannaan itti fufueera.

Guyyoota Sadan kanatti simannaan erga taasifameefii booda gara kaampii qophaa'efiitti kan galan ta'uus walitti qabaan gumii abbootii Gadaa Bayyanaa Sanbatoo ‘BBC’ Afaan Oromootti himaniiru.

Abbaa Gadaa Bayyanaa Sanbatoo akka himanitti, Zoonii Lixaarraa qofa loltoonni WBO Kuma 10 ol kan simataman ta'uu ibsaniiru.

Simannaan WBO kun aanaalee garaa garaatti kan itti fufu yoo ta'u, miseensonni WBO iddoowwan biroo jiranis waamichi taasifameef simatamanii akka galantu eegama.

Madda: OBN

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015