Bulchiinsi yeroo naannoo Tigraayitti hundaa’u mirga ummanni ofiin of bulchuu qabu kan kabachiisu ta’a – Adam Faaraahi

54

Finfinnee, Onkololeessa 28/2013 (TOI) – Bulchiinsi yeroo naannoo Tigraayitti hundaa’u mirga ummanni ofiin of bulchuu qabu kan kabachiisu ta’a jedhan Af yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Adam Faaraahi.

Manni Maree Federeeshinii walga’ii ariifachiisaa guyyaa har’aa gaggeesseen mootummaan federaalaa naannoo Tigraay gidduu akka galuu fi bulchiinsi yeroo akka hundaa’u sagalee guutuun murteessera.

Murtee darbe ilaalchisee Af yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Adam Faaraahi ibsa laataniiru.

Bulchiinsi yeroo hundaa’u mirga ummanni naannoo Tigraay ofiin of bulchuu qabu kan kabachiisuudha jedhan.

Gareen finxaaleeyyii ABUT mirga ummanni Tigraay ofiin of bulchuu qabu kan dhuunfaa isaa taasiisuun socho’aa tureera eeraniiru.

Gochaan kunis hojmaata heera mootummaa kan faallessuudha jedhan.

Gareen seeraan alaa kun murteewwan Mana Maree Federeeshinii fi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa cinaatti dhiisuun karaa seeraan alaan socho’aa turuu eeraniiru.

Manneen Maree kunneen gareen finxaaleeyyii kun gara seeraatti akka deebi’u hojjetaa turanis hin milkoofne jedhan.

Sababa kanaan mootummaan federaalaa naannicha gidduu galuun bulchiinsi yeroo akka hunda’uu fi qaamooleen nageenyaa federaalaa naannichatti akka bobba’ee hojjetu murtaa’uu dubbataniiru.

Bulchiinsi yeroo hundaa’u kun itti gaafatamummaan isaa mootummaa federaalaaf ta’uu eeraniiru.

Bulchiinsi hundaa’u hojiilee manni maree fi kaabineen naannichaa hojjetaa ture raawwata jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015