Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Guullalleetti dhiigni arjoomame

49

Finfinnee,Onkololeessa . 28,2013(TOI)- Qaamooleen hawaasaa garaagaraa, Hojjettoonni fi gaggeessitoonni magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Guullallee ,mataduree"Raayyaa ittisa biyyaa naaf jedhee lubbuu isaa wareegeef dhiigakoon gumaacha" jedhuun dhiiga arjooman.

Saganticha ‘Manning Mariinsky’ Ispoortii kutaa magaalichaa bulchiinsa kutaa magaalichaa waliin qindaa'uun kan qopheesse yoo ta'u kaayyoon isaas hawaasni kutaa magaalichaa raayyaa ittisa biyyaa waliin jiraachuu ibsuuf akka ta'e hojii gaggeessaa olaanaan kutaa Magaalaa Guullallee obboo Abbaawway Yoohaannis ibsaniiru.

lamiileen dhiiga arjooman yaada OBNiif kennaniin humna ittisaa biyyaa nageeyaa fi birmadummaa biyyaatiif lubbuu isaa qaalii ta'e wareegaa jiru tumsuun waan qaban dhiiga isaanii arjoomuu ibsan.

Dhiiga arjoomuu qofaa osoo hintaane barbaachisaa ta'ee argamnaan hanga adda waraanaatti duuluun gahee irraa eegamu bahuuf qophii ta'uu ibsaniiru .

Sagantaa dhiiga arjoomuu kanaan namoonni 500 ta'an dhiiga arjoomaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015