Abbaan Alangaa Waliigalaa federaalaa labsii yeroo ariifachiisaa irratti ibsa laate

92

Finfinnee, Onkololeessa 26/ 2013 (TOI) - Abbaan Alangaa Waliigalaa federaalaa labsii yeroo ariifachiisaa irratti ibsa laate.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa labsii yeroo ariifachiisa Manni Maree Ministeeroota baase raggasisuun walqabatee Abbaan Alangaa Waliigalaa federaalaa labsii yeroo ariifachiisaa irratti ibsa laateera.

Haaloota sirna heera mootummaa balaarraa buusaan sababa uumameen, labsii yeroo ariifachiisaa baahe koreen raawwachisu kan hundaa’e yoo ta’u, aangoo korichi yeroo ariifachiisaa irratti qabu ifaan taa’eera.

Bu’uuruma kanaan;- jalqabarratti naannoo Tigiraay irratti hojiirra kan oolu yoo ta’u, labsii yeroo ariifachiisaa baatii 6f turu kanarratti korichi qindeessummaa Eetaamaajoorri Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI kan hundaa’e yoo ta’u, itti waamamni isaa muummee ministiraa akka ta’u Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa Dooktar Geediyoon Ximootiyoos himaniiru.

Korichi labsii yeroo ariifachiisaa dhiphisuus ta’ee bal’isuuf aangoo kan qabu yoo ta’u, qaamni nageenyaa kamu ajaja tokko jalatti akka gaggeeffamu taasisuun ni danda’ama jedhameera.

Dangeeffama barbaachisuu baasuu fi raawwachiisuu ni danda’as jedhameera.

Mirga lammiilee idilee akka hin sarbinetti tarkaanfiiwwan ergama rawwachiisuu fudhachuu ni danda’a.

Poolisii dabalatee qaamni nageenyaa kamuu hidhannoo akka hiikkatan taasisuu ni danda’a.

Sochii geejjibaa dabalatee sochiiwwan biroo irratti daangaa kaa’uu, daangaa yeroo basuu, sochii meeshaa waraanaa dhaabuu, qunamtii kutuu, ibsa ergama isaa danqu itytisuu, namootaa fi garee gocha seeraan alaa irratti hirmaatan too’achuu fi tursuu akka danda’uu taa’eera.

Ergama isaa raawwachuuf jecha wantootaa isa gargaaru namoonni mana tooko keessaa aaksumaas bakka tokko akka turan taasisuuf aangoo qaba.

Manaa fi konkoolaataa yeroo kamitti sakatta’uu akkasumaas dhaabbilee tajaajila kennaanii fi bu’uuraalee misoomaa erga isaa milkeessuf ni gargaraa yoo ta’e dhaabuu akka danda’u kaa’eera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015