Gareen Adda Bilisa baasaa Tigiraay( ABUT) keessaa jiru raayyaa ittisa biyyaarratti haleellaan raawwate gantummaa weerara alagaa caaluudha -obbo Dammaqaa Mokoniin

46

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2013 (TOI)- Gareen ABUT keessaa jiru raayyaa ittisa biyyaarratti haleellaan raawwate gantummaa weerara alagaa caaluudha jedhan itti aanaan Muummee Ministiraa obbo Dammaqaa Mokonniin.

Obbo Dammaqaa fi sekreeteriyaatiin yaa’insa odeeffaannoo labsi yeroo ariifaachiisaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen miidiyaleef ibsa kennaniiru.

Itti aanaan Muummee Ministiraa obbo Dammaqaa Mokonniin, haleellaan raayyaa ittisaarratti raawwateme hojii gantummaa garee Itiyoophiyaa diiguuf barbaaduuti jedhaniru.

Garichi humna addaan socho’uun uummata Amaaraarratti weerara gaggeessu ibsaniiru.

Ergaa uummata Tigraayif dabarsaniin, garicha uumaata da’aachuun Itiyoophiyaa diiguuf hojii garaagaraa hojjata tureera jedhan.

Yeroo amma kana garichi gara rakkoo hamaatti imalaa jiraachuu ibsaniiru.

Uummanni Tigraayis gocha akka kanaa balaleeffachuu qaba jedhaniiru.

Sekreeteriyaatiin yaa’insa odeeffaannoo labsi yeroo ariifaachiisaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen, walitti bu’iinsi amma muudatee mootummaa federaalaa fi Tigraayi giddutti kan hin raawatamne ta’uu ibsaniiru.

Walitti bu’iinsicha kan raawwate Itiyoophiyaa diiguuf humnoota badii ABUT keessa mandheefatee jiruniidha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015