Godina Wallaggaa Lixaaa Aanaa Gullisoo Ganda Qaanqaatti haleellaa raawwateen lubbuun namoota du'anii 32 ta'uu Komiishiniin Poolisii Oromiyaa ibse.

65

Finfinnee Onkololeessa.24/2013(TOI)-Komiishinarri Komiishinii Poolisii Oromiyaa Janaraal Araarsaa Mardaasaa akka jedhanitti, Godina Wallaggaa Lixaaa Aanaa Gullisoo Ganda Qaanqaatti haleellaa raawwateen lubbuun namoota du'anii 32 ta'uu himaniiru.

Haleellaa kanaan dhiironni 23 fi dubartoonni 9 walumatti lubbuun namoota 32 lubbuunsaanii akka darbe himaniiru.

Namoonni 10 miidhamanii yaalamaa akka jiranis dubbataniiru.

Haleellaa rawwateen walqabatee abbootiin warraa 200 qe'eesaaniirraa buqqa'an hojiin tasaggabbeessuu hojjetamaa akka jiru himaniiru.

Haleellaa kanas kan raawwate ABO Shanee akka ta'e ibsanii, duubasaa TPLF deeggaraa jira jedhaniiru.

Gareen hidhate kun meeshaalee akka Isnaayiperii fi Bireelii kan TPLF hidhachiise ta'uu himaniiru.

TPLF ABO shanee duuba ta'uun uummatarratti badii geessisaa akka jiru himaniiru.

TPLF sabaa fi sablammoota gidduutti walitti bu'iinsa uumuuf hojii itti yaadamee hojjetame ta'uu Komiishiniin Poolisii Oromiyaa ibseera.

Namoonni gocha kana raawwatan keessaa hangi ta'e to'atamuusaanii fi warri hafanis qabuufi akkasumas haleellaan walfakkaataa akka hin raawwanne hawaasa waliin hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Madda:- EBC

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015