Konfidereeshiiniin Hojjechiiftoota Indaastirii fi Konfidereeshiinin Hojjechiiftoota Itiyoophiyaa walitti makaman

86

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2013 (TOI) - Konfidereeshiiniin Hojjechiiftoota Indaastirii fi Konfidereeshiinin Hojjechiiftoota Itiyoophiyaa walitti makaman.

Konfidereeshiinoonni hojjechiisaa lamaanuu moggaasa Konfidereeshinii Federeshinoota Hojjechiisaa Itiyoophiyaa jedhuun walitti makamaniiru.

Walitti makamuu isaanii ilalchisuun ibsa kan laataan Ministirri Dhimmoota Hojjetaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayee diinagdee biyya keenyaa ijaaruu fi faayidaa biyyaalessaa sadarkaa addunyaatti eeguuf walitti makamuun isaanii ga’ee akka qabu himaniiru.

Akkasumaas faayidaa hojjechiiftootaa eegsisuuf caalaatti akka gargaaruu fi waldaalee hojjetootaa waliin marii lameenii akkasumaas mootummaa dabalatee sirna marii sadeenii bu’aa qabeessa akka ta’uuf walitti makamuun gaarii akka ta’ee himaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015