Mootummaan naannoo Oromiyaa haala yeroo ilaalchisuun ibsa kenne

69

Mootummaan naannoo Oromiyaa haala yeroo ilaalchisuun ibsa kenne

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2013 (TOI) – Mootummaan naannoo Oromiyaa olaantummaa seeraa kabachiisuuf ummata waliin hojjechaa jiraachuu beeksiseera.

Guutuun ibsichaa haala armaan gadiitiin dhiyaatera.

Boqonnaa mootummaan fedhiifi gaaffii ummataa xiinxaluudhaan hojiiwwan misoomaa, nageenyaafi ijaarsa sirnaarratti fuulleffatee hojii hiika ol’aanaa qabu hojjechaa jiru kanatti, humnoonni faallaa jijjiiramaa dhaabbatan ummatarratti balaawwan suukanneessaa geessisuu itti fufaniiru.

Akka biyyaafi naannootti hojiiwwan dirree siyaasaafi demokraasii bal’isuuf hojjetamaa jiran faallaa dhaabbachuudhaan eelaa gochoota hammeenyaa ulfaataa gatiittii ummataarratti fe’aa jiru.

Shiftaa ABO Shaneen Waayyaanee waliin shiirkomanii naannoo Oromiyaafi biyya keenya tasgabbii dhorkuuf hojjechaa kan turan ta’uun ni beekama.

Yeroo adda addaatti ajandaalee walitti buhiinsaafi wal fixiinsaa bocuudhaan miidiyaan deemsisuufi meeshaalee waraanaa hammayyaa seeraan ala galaniin haleellaa humna nageenyaa, caasaa mootummaafi qaamolee hawaasaa adda addaarratti tarkaanfii ajjeechaa fudhachuudhaan gaaga’ama geessisaa turan.

Gochoota gara jabinaan raawwataman kanneeniin qor-qalbiin ummataa akka nyaatamu, namni martinuu yaaddoon akka guutamuufi sochii hojii idileerraa of qusachuun beelaafi dheebuun akka waadamu gochuurratti argamu.

Keessattuu, godinaalee Oromiyaa kallattii Lixaarra jiran keessatti daa’imman, dubartoota, maanguddootaafi dargaggoonni osoo hin hafin, haala suukanneessaan akka ajjeefaman, ibiddaan akka gubatan, qaamaan akka hir’ataniifi qor-qalbiin akka miidhaman ni beekama.

Hundaa ol ammoo, shiftaan ABO Shanee bosona daheeffatee bakkaa bakkatti darbatamu kun, tooftaa miliqqeetti fayyadamee nama butee baduudhaan miidhaa suukanneessaa geessisaa turuunsaa ni beekama.

Yeroo adda addaatti qaamolee nageenyaafi bulchiinsaa butee baduudhaan bosona keessatti haala suukanneessaadhaan ajjeesaa akka ture ni beekama.

Shiftaa ABO Shaneen gocha shororkeessummaa hanga ammaatti raawwachaa turteen maatiiwwan hedduun tamsa’eera; daa’imman abbaafi haadha malee hambiseera.

Qabeenya dhuunfaafi ummataa barbadeessuun godaannisa hamaa uumuurratti argama.

Mootummaan naannoo Oromiyaa ergamaafi itti gaafatamummaa nageenya ummataa mirkaneessuuf qabu bahachuuf ummata bal’aa karaa hirmaachiseen hojii ol’aantummaa seeraa kabachiisuu bal’inaan raawwachuurratti argama.

Humni shiftaa ABO Shanee galtuu Waayyaanee ta’ee tajaajilaa jiru kun tarkaanfii ol’aantummaa seeraa kabachiisuu ummanniifi mootummaan waliin fudhachuu eegalan kanaan duguugamee dhabamsiifamaa jira.

Tarkaanfii ol’aantummaa seeraa kabachiisuu kanaan qarqara awwaalamuurra kan geese shiftaa ABO Shanee ashkara Waayyaanee kun abdii kutachuusheetiin ummata bakka tokko jiraaturratti haleellaa geessisaa jirti.

Guyyaa kaleessaa godina Wallaggaa Lixaa aanaa Gullisoo Ganda Gaawwaa Qaanqaatti gocha shororkeessummaa ABO Shaneen dukkana daheeffattee raawwatteen lammiilee nagaan haala suukanneessaadhaan bakka tokkotti wareegamaniiru.

Mootummaan naannoo Oromiyaa ummata bal’aa, caasaa bulchiinsaafi nageenyaa hunda waliin ta’uun shiftoonni kunneen bakka seenan hunda seenee kan funaanuufi tarkaanfii barbaachisu hunda kan fudhatu ta’uu ibsaa, maatiiwwaniifi firoottan namoota wareegamaniifi ummata bal’aadhaaf jajjabinaafi qabbana hawwa.

Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Onkoloolessa 2013
Finfinnee

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015