Hojjettonni Baankii daldalaa Itoophiyaa piroojetii 'Maaddii biyyaatiif ' birrii Biliyoona 1.1 kennaan

117

Finfinnee, Onkololeessa.20,2013(TOI)- Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad Boordii Baankii Daldala Itiyoophiyaa, Pireezedaantiisaafi hojjettonni baankichaa 'Maaddiin Biyyaaf' birrii biliyoona 1.1 buusuu isaaniif galateeffatan.

Wancii, Gorgoraafi Koyishaa misoomsuuf dhaabbanni tokko qofaasaa maallaqa hammanaa walitti qabuu danda'uunsaa kan dinqisiifamudhas jedhan Dr.Abiyyi fuula Feesbuukii isaanirratti.

Piroojektoonni misoomaa dafanii eegalamanii yeroo yaadame keessatti akka xumuraman dandeessisas jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015