Biyyi hanga ammaa Covid irraa bilisa turtetti yeroo jalqabaaf vaayirasichi argame

106

Finfinnee, Onkololeessa,19.2013(TOI)-Addunyaa keessatti bakka koronaavayirasiin hin hubamne keessaa tokko kan turte Odolli Maarshaal, namootni lama vaayirasichaan qabamuu beeksiste.

Hojjattooni buufata waraanaa US lama Kibxata erga Hawaa’ii irraa biyyatti deebi’anii booda vaayirasichi irratti argamuu mootummaan ibseera.
Namootni kun xiyyaara waraanaan kan balali’an yoo ta’u, erga achii ga’anii booda hawaasa irraa adda baafamanii jiru.

Odolli Maarshaal vaayirasicha ofirraa ittisuuf Bitootessa keessa daangaa cufattee turte.

Waxabajjii keessa hojjattoota buufata waraanaa US’f seera laaffisuun akka isaan seenan gochuu fi buufata waraanaa sanatti torban sadii qofaaf akka isaan adda of baasan eeyyamame.

Biyyootiin akka Kiribaati, Mikroneshiyaa, Nawuruu, Pawuloo, Samowaa, Tongaa, Tuvaluu fi Vaanuwaatuu hanga ammaatti vaayirasicha irraa bilisa jedhamee yaadama.

Maddi:- BBC

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015