Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee dhaabata Nageenya Daandii 'Blumberg Initiatives for Global safety' waliin waliigaltee Doolaaraa miiliyoona 15 mallatteesse

72

Finfinnee, Onkololeessa 18/ 2013 (TOI) - Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee sadarkaaa Idil Addunyaatti dhaabata Nageenya Daandii 'Blumberg Initiatives for Global safety' waliin waliigaltee Doolaaraa miiliyoona 15 mallatteesseera.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee dhaabbata 'Blumberg Initiatives for Global safety' jedhamu Sadrakaa Idil Addunyaatti Dhaabbata Tola Oolaa Nageenya Daandii waliin waggaa 6f kan turu waliigaltee gargaarsa Doolaara miiliyoona 15 yookaan ammoo Birrii miliyoona 500 fi miiliyoona 55 walii mallaatteessaniiru.

Waliigaltichi bara 2012 hanga 2017tti kan turu dabaree sadaffaa qaama deeggarsa Doolaara Ameerikaa miiliyoona 200 fi miiliyoonati jedhameera.

Itti Aantuun kantiibaa aadde Adaanach Dhaabbanni 'Bloomberg Initiatives For Global Safety' kun Bulchinsa Magaalaa Finfinnee ogeessoota nageenya daandii idil- aduunyaatiin gargaaraa tures jedhaniiru.

Aadde Adaanach waligalteen walii mallataa'ee kun, hojiilee tiraafiika fi nageenya daandii irratti gargaarsa gochuun, hojiilee magaalaa Finfinnee keessatti raawwatamanii jijjirama qabatamaa argamsiisanii fi fooyya'insa nageenya daandiif tumsa guddaa gochuu bira darbee, lubbuu lammiilee baraaruuf gumaacha guddaa qabas jedhaniiru.

'Blumberg Initiatives for Global safety' gama isaan balaan tiraafikaa kan qaqqabsiisu du’aa fi qaama hir’achuu xiqqeessuuf kutannoo qabaachuun projaktii 'Blumberg Initiatives for Global safety' irratti kan hirmaataan magaaloota 30 keessaa tokko kan taatee magaalaa Finfinnee waliin hojjechuu akka gammadan himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015