Federaalizimiirratti eenyu waliinuu jaarsummaa akka hin teenye ODP'n beeksise

88

Guraandhala 12/ 2011- Federaalizimiirratti eenyu waliinuu jaarsummaa akka hin teenye ODP'n beeksise.

Paartichi dhimmoota jajjaboo ODP’n akka ijootti qabatee qabsaa'u keessaa tokko federaaliizimii ta'uu ibsa kenneen beeksiseera.

Federaalizimiitti gatiin guddaan kanfalamuu kan hime paartichi, dhimma kanarratti eenyu waliinuu jaarsummaa akka hin teenye ibseera.

ODP'n federaalizimii irratti olola jabaatu deemaa jira jedheera ibsa baasen.
Mootummaan amma jiru sirnicha diiguu akka hedu, hawaasni sirnicha irraa abdii fi amantii qabu akka hir'isu ololamaa jiraachuu beeksiseera.

Kaayyoon olola kanaa lama ta'uu kan ibse paartichi, tokko saboononni Itiyoophiyaa jijjirama kana akka shakkan gochuu dha jedheera.

Sab-lammoonni mirga aadaa, afaan, eenyummaa fi seenaa ofii guddisuuf qabsoon argatan gaafa sirni federaalizimii diigamuufi jedhanii shakkan mormii akka kaasan barbaadu jedhe ibsichaan.

Lammata ammoo Oromoo burjaajessuun jijjiirama kana keessatti mirga dabalataa argachuun hafee mirga duraan argateyyuu dhabuuf akka jiru odeessanii Oromoo walirratti kaasuuf carraaqu jedha ibsichi.

Gaaffii ummata Oromoo hunda deebisuuf hojjechaa jirra, dhimma Finfinnee fi Afaan Oromoo harkaa qabna kan jedhe ibsi ODP kun,  gaaffilee jajjaboo fayyadamummaa haqa-qabeessa waliin ka’anis irratti hojjachaan jirra jedheera.

ODP'n injifannoo caalmaaf hojjata malee abadan injifannoo duraan gatii kanfallee arganne hin gadhiisu jedheera.

Federaalizimii irrattis jaarsummaan hin jiru jedheera.

Madda: OBN

የOBN Afaan Oromoo ምስል

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015