Muuftii Hajii Umar Indiris Guyyaa ayyaana dhaloota Nabiyyuu Mohammaad ilalchisuun ergaa dabarsaniiru

99

Finfinnee Onkololeessa 17/2013(TOI) - ‘’Inni tokko isa tokkoon ajjeessuun amala dhala namaa miti’’ Pireezedaantii mana maree dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Muuftii Hajii Umar Indiris.

Inni tokko isa tokkoon ajjeessuun amala dhala namaa waan hin taaneef dhaabbachuu qaba jedhan Pireezedaantiin mana maree dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Muuftii Hajii Umar Indiris Pireezedaantiin Ameerikaa Doonaal Tiraamp hidha haaromsa guddicha ilaalchisee haasa’aa isaan taasisan balaaleeffataniiru.

Pirezedaanti Muuftii Hajii Umar Indiris Guyyaa ayyaana dhaloota Nabiyyuu Mohammaad ilalchisuun ergaa dabarsaniiru.

Pireezedaantichi ergaasaaniin Raajiin Mohammaad yeroo turtiisaanii lafa irratti wantoota garummaa qabu hojjetanii darbaniiru jedhan.

Sababii dhalachuusaaniin rakkina ilmaan namaa hambisaaniiru jedhan.

Nabiyyuu Mohammad cubbuu ilmaan nama hambisaniiru jechuun wayita ammaa namni kamiyyuu amantii hordofuun ofii isaanii hojiiwwan gaarii agarsiisuu akka qabanis hubachisaniiru.

Namni kamiyyuu hamma lubbuun jirutti hadaraa Nabiyyuu Mohammaad, Hoggansaa fi amala gaarii hordoofuu akka qabu himaniiru.

Lammiileen Itiyoopiyaa walgargaaruu, wajjiin nyaachuu malee wal ajjeessuu, dhiiga wal dhangalaasuun aadaa keenya miti jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015