Raawwiin hojii tajaajila daa'immanii fi dubartootaa biyyaalessaa bara 2012 Magaalaa Adaamaatti qoratamaa jira.

67

Finfinnee,Onkololeessa.17,2013(TOI)- Raawwiin hojii tajaajila daa'immanii fi dubartootaa biyyaalessaa bara 2012 Magaalaa Adaamaatti qoratamaa jira.

Gamaaggama Raawwii hojii kanarratti hoggantoonni Ministeera Fayyaa fi hoggantoonni Biirolee hirmaachaa jiru.

Deetaan Ministeera Fayyaa Dr. Darajjee Dhugumaa sababa Covid-19'n daa'immanii fi dubartoonni akka hin miidhamne hojii hojjetameen miidhaa gama kanaan dhufuu malu hir'isuun danda'ameera jedhan.

Ministeera Fayyaatti Daarekatarri Fayyaa Haadholii, Daa’immannii fi Sirna nyaataa Dr. Masarat Zalaalam gamaaggama rawwii hojii guyyoota sadiif turu kun gaaffii fayyaa haadholii, daa’immanii fi sirna nyaataa deebisuuf kan gargaaru ta’uu himaniiru.

Ministeera Fayyaarraa odeeffanne

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015